Marii kanarratti hooggansi olaanoon Baankichaafi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee akkasumas Kantiibotniifi Bulchittootni Aanaa godinicha keessatti argaman hirmaataniiru.

Yaadamni marii gaggeeffamee, “Fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuuf Hirmaannaan Qooda-Fudhatootaa Guddisuu” kan jedhu yoo ta’u itti-bahiinsi marichaas baankii siinqeefi qooda fudhattoota gidduuttti wal-hubannoofi hariiroo hojii gaarii uumuun fayyadamummaa hawaasaa roga hundaan mirkaneessuu akka ta’e ibsameera.

Marii kanaan hirmaattotni baankichi kan uummataa ta’uu isaa hubatanii ergama isaa galmaan gahuuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisan; hojii baankichi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetu kan akka tajaajila faayinaansii qonnaa, carraa hojii uumuufi dubartoota aangessuu karaa qabeenya maallaqaa hawaasaa godinicha keessa socho’u gara baankichaatti fiduun akka tumsan; akkasumas waa’ee baankii Siinqee hawaasa beeksisuu keessatti shoora irraa eegamu bahachuudhaaf waliigalteerra gahameera.

#Marii

Share

Name

Job Title

Related Posts

  • Stay Alert!

    Dear our Valued Customers, Protect your bank account and digital financial services from fraudsters by following [...]

  • Siinqee Bank Company Profile

  • Fraud Alert Message

    Dear our Valued Customers, Protect your bank account and digital financial services from fraudsters by following [...]