Media

Baankiin Siinqee Konfiraansii Qonnaan Bultoota Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gara Invastimantitti Cehan irratti hirmaate.
Baankiin Siinqee lammiilee damee qonnaa irratti hirmaataniif deeggarsa faayinaansii taasisuun gahee guddaa taphachaa kan jiru yoo ta’u, Baankichii dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa gara garaa waliin ta’uun waltajjii marii invastimantii fi cehumsa qonnaa irratti xiyyeeffatan irratti hirmaachuu fi muuxannoo yeroo dheeraa irratti hundaa’uun yaada imaammataa ni qooda.
Bu’uura kanaan guyyaa har’aa Bitootessa 22 bara 2018 K oonfiraansii Magaalaa Finfinnee galma Yaadannoo Injifannoo Adawaatti Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin mata duree “Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti konfiraansii Qonnaan bultoota gara Invastimantitti cehan.” jedhu irratti adda durummaan hirmaachuun marii gaggeessaa jira.
Koonfaransiin kun lammilee hojii qonnaa irratti hirmaatan deeggarsa faayinaansii taasisuun gara invastimantiitti akka cehan jajjabeessuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, Baankiin Siinqee immoo akkuma barameetti deeggarsa faayinaansii isaa itti fufuun, qonnaan bultootaa fi dargaggoota damee kana keessatti hirmaataniif tajaajila faayinaansii gahaa dhiyeessuun qonna ammayyaa akka babal’atu gochuu keessatti gahee isaa bahuuf kutannoo isaa mirkaneesseera.
ሲንቄ ባንክ በሸገር ከተማ አስተዳደር ከግብርና ወደ ኢንቨስትመንት የተሻገሩ አርሶ አደሮች ኮንፍረንስ ተሳተፈ።
ሲንቄ ባንክ በግብርናው ዘርፍ ውስጥ የሚሳተፉ ዜጎችን በፋይናንስ በመደገፍ ጉልህ ሚናውን እየተጫወተ ያለ ባንክ ከመሆኑ ጋር ተያይዞ፣ ከተለያዩ የመንግስት አስተዳደር ተቋማት አስተባባሪነት ኢንቨስትምንትን እና የግብርና ሽግግርን የተመለከቱ የውይይት መደረኮች ላይ ግንባር ቀደም ተሳትፎ በማድረግ የረዥም ጊዜ ልምድ ላይ የተመሰረተ የፖሊሲ ሃሳቦችን ያካፍላል፡፡
ይህንኑ መሰረት በማድረግ ዛሬ መጋቢት 22 ቀን 2018 ዓ.ም በፊንፊኔ ከተማ በአድዋ የድል መታሰቢያ አዳራሽ በሸገር ከተማ አስተዳደር “በሸገር ከተማ ከግብርና ወደ ኢንቨስትመንት የተሻገሩ ” በሚል ርዕስ የተዘጋጀው ኮንፍራንስ ላይ ውይይት እያካሄደ ይገኛል፡፡
ኮንፍራንሱ በግብርና ስራ ላይ የተሳተፉትን በፋይናንስ በመደገፍ ወደ ኢንቨስትመንት እንዲሸጋገሩ ማበረታታት ላይ ያተኮረ ሲሆን፣ ሲንቄ ባንክም የተለመደውን ፋይናንስ ድጋፍ በመቀጠል በዘርፉ ለተሰማሩት ገበሬዎች እና ወጣቶች በቂ የፋይናንስ አገልግሎት በማቅረብ ዘመናዊ እርሻን እንዲስፋፋ የማድረግ ሚናውን የመወጣት ቁርጠኝነቱን አረጋግጧል።
#Siinqee_Bank #Baankii_Siinqee #ሲንቄ_ባንክ #Siinqee_Digital #Siinqee_Ihsan
#EMPOWERED_TOGETHER
Name






