Media
Marii kanarratti hooggansi olaanoon Baankichaafi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee akkasumas Kantiibotniifi Bulchittootni Aanaa godinicha keessatti argaman hirmaataniiru.
Yaadamni marii gaggeeffamee, “Fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuuf Hirmaannaan Qooda-Fudhatootaa Guddisuu” kan jedhu yoo ta’u itti-bahiinsi marichaas baankii siinqeefi qooda fudhattoota gidduuttti wal-hubannoofi hariiroo hojii gaarii uumuun fayyadamummaa hawaasaa roga hundaan mirkaneessuu akka ta’e ibsameera.
Marii kanaan hirmaattotni baankichi kan uummataa ta’uu isaa hubatanii ergama isaa galmaan gahuuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisan; hojii baankichi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetu kan akka tajaajila faayinaansii qonnaa, carraa hojii uumuufi dubartoota aangessuu karaa qabeenya maallaqaa hawaasaa godinicha keessa socho’u gara baankichaatti fiduun akka tumsan; akkasumas waa’ee baankii Siinqee hawaasa beeksisuu keessatti shoora irraa eegamu bahachuudhaaf waliigalteerra gahameera.
#Marii
Name