Marii kanarratti hooggansi olaanoon Baankichaafi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee akkasumas Kantiibotniifi Bulchittootni Aanaa godinicha keessatti argaman hirmaataniiru.

Yaadamni marii gaggeeffamee, “Fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuuf Hirmaannaan Qooda-Fudhatootaa Guddisuu” kan jedhu yoo ta’u itti-bahiinsi marichaas baankii siinqeefi qooda fudhattoota gidduuttti wal-hubannoofi hariiroo hojii gaarii uumuun fayyadamummaa hawaasaa roga hundaan mirkaneessuu akka ta’e ibsameera.

Marii kanaan hirmaattotni baankichi kan uummataa ta’uu isaa hubatanii ergama isaa galmaan gahuuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisan; hojii baankichi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetu kan akka tajaajila faayinaansii qonnaa, carraa hojii uumuufi dubartoota aangessuu karaa qabeenya maallaqaa hawaasaa godinicha keessa socho’u gara baankichaatti fiduun akka tumsan; akkasumas waa’ee baankii Siinqee hawaasa beeksisuu keessatti shoora irraa eegamu bahachuudhaaf waliigalteerra gahameera.

#Marii

Share

Name

Job Title

Related Posts

  • Gamaaggama Raawwii Hojii Kan Bara Baajataa 2016/የ2016 በጀት ዓመት ስራ አፈጻጸም የማኔጅመንት ግምገማ ፊንፊኔ

    Manaajimantiin Baankii Siinqee wal-ga'ii gamaaggama raawwii hojii kan bara 2016 guyyoota lamaaf walitti aansee Hoteela ISikaayilaayititti [...]

  • ለሲንቄ ባንክ አ.ማ ባለአክስዮኖች የተደረገ የስብሰባ ጥሪ

    የአክስዮን ማህበሩ ስም: ሲንቄ ባንክ አ.ማ               የአክስዮን ማህበሩ ዓይነት: የባንክ [...]

  • Waamicha Walga’ii Abbootii Aksiyoonaa W.A Baankii Siinqeetiif Taasifame

    Maqaa Dhaabbatichaa : W.A Baankii Siinqee       Gosa Hojii Dhaabbatichi Irratti Bobba’e : Tajaajila Baankii [...]