Kabajamtoota maamiltoota keenya, jecha iccitii(Password), jecha iccitii al-tokke(OTP) fi maqaa fayyadamaa(User name) Siinqee Digital keessan nama birootti tasumaa dabarsitanii hin kenninaa.
Burjaajessitootni tajaajilli keessan waan isin jalaa cufameef isiniif sirreessina ykn haaraa isiniif banna, jechuun bilbiluunis ta’e karaa ergaa gabaabaa, akkasumas karaa  miidiyaa hawaasaa hidha(link) sobaa isiniif erguun irra deddeebiin odeefannowwan dhuunfaa armaan olii kana argachuuf yaalii godhu waan ta’eef, dammaqinaan irraa of-eegadhaa! Baankiin keenya bilbilaanis ta’e karaa ergaa gabaabaa odeefannoo akkasii tasumaa kan isin hin gaafanne ta’uu isin hubachiisaa, yeroo taateewwan akkasii isin mudatan gara wiirtuu tajaajila maamiltootaa Baankii  keenya 871tti bilisa  bilbiluun ykn damee isinitti dhihoo jiru daawwachuun eeruu kennuu fi odeefannoo dabalataa argachuu kan dandeessan ta’uu isin beeksifna.

Share

Name

Job Title

Related Posts

  • የጠቅላላ ጉባዔ ጥሪ የሲንቄ ባንክ አ.ማ. ባለአክሲዮኖች  7ኛ መደበኛ ጠቅላላ ጉባዔ

    Download the attachment here GeneralAssample_2026_Am_Nov10

  • Waamicha Yaa’ii Walii-galaa Idilee 7ffaa Abbootii Aaksiyoonaa Baankii Siinqee

    Download the attachment below GeneralAssample_2026_Or_Nov10

  • Stay Alert!

    Dear our Valued Customers, Protect your bank account and digital financial services from fraudsters by following [...]