Waamicha Abbootii Aksiyoonaa Baankii Siinqee W.A tiif taasifame/bahe

Baankiin Siinqee W.A Yaa’ii Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaa Idilee 5ffaa bakka Abbootiin Aksiyoonaa ykn bakka bu’aan seeraa isaanii argamanitti Sanbata Duraa Mudde 5, bara 2017 A.L.I ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee Finfinnee, Hoteela Iskaay Laayit Itoophiyaa tti adeemsisa waan ta’eef bakka, guyyaa fi sa’aatii armaan olitti eerame irratti argamuun akka hirmaattan Boordiin Daayireektarootaa Baankichaa kabajaan isin beeksisa.

 

Bu’uura Seera Daladalaa F.D.R.I keewwata 371 Odeeffannoowwan Ijoo Baankicha ilaalatan

Maqaa Waldaa: Baankii Siinqee W.A

Gosa Waldaa: Waldaa Tajaajilaa hojii Baankii irratti bobba’e

Kaappitaa Baankichaa mallataa’e: Qarshii 15,000,000,000.00

Lakk.Galmee Baankichaa: LLB/MT/024/2021

Kaappitaala Baankichaa kaffalame: Qarshii 8,009,237,046.00

Waajjira Muummee Baankichaa: Finfinnee Kutaa Magaalaa  Carqoos/Qirqoos Aanaa 08

 

Ajandaawwan Yaa’ii Waliigalaa Idilee 5ffaa

  1. Ajandaawwaan Yaa’ii irratti mari’achuun raggaasisuu;
  2. Gabaasa Hojii Waggaa A.L.A bara 2023/24 Boordii Daayireektarootaa Baankichaa dhaggeeffachuu fi raggaasisuu;
  3. Gabaasaa Herreegaa Waggaa Odiitarootaa Alaa Baankichaa A.L.A Bara Hojii 2023/24 dhaggeeffachuu fi qorachuun/mari’achuun raggaasisuu;
  4. Haala qoodiinsa fi kaffaltii bu’aa waggaa Bara Hojii A.L.A 2023/24 irratti mari’achuun raggaasisuu;
  5. Kaffaltii Durgoo ji’aa bara hojii A.L.A 2024/25 fi gatii dadhabbii Tajaajila waggaa A.L.A Bara Hojii 2023/24 miseensota Boordii Daayireektarootaa raggaasisuu;
  6. Muudama Odiitoroota Alaa Baankichaa qorachuun raggaasisuu fi kaffaltii gatii dadhabbii tajaajila isaanii murteessuu;
  7. Yaada Murtee/Piroopozaalii hundeeffama Baankii Invastimentii Siinqee W.A ilaalchisee mari’achuun raggaasisuu;
  8. Barreeffama Hundeeffamaa Baankii Invastimentii Siinqee W.A irratti mari’achuun raggaasisuu;
  9. Qaboo Yaa’ii, Yaa’ii Waliigalaa Idilee 5ffaa raggaasisuu dha.

 

Hubachiisa:

  • Abbootiin Aksiyoonaa Yaa’iicha irratti hirmaachuuf dhuftan kamiyyuu Waraqaa eenyummaa jiraataa Gandaa, Paaspoortii, Eeyyama Konkolaachisummaa fi Waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Biyyoolessaa haaromfamee fi Seeraa qabeessa ta’e Waraabbii Muummee/Orijinaala koppii tokko (1) waliin qabatanii dhufuun isinirraa eegama.
  • Abbootiin Aksiyoonaa Yaa’iicha irratti qaaman hirmaachuu hin dandeenye karaa bakka bu’aa keessanii Yaa’iicha irratti hirmaachuu kan dandeessan ta’uu ibsaa, unka bakka bu’iinsa kanaa Baankii Siinqee W.A Waajjira Muummee Baankichaa Magaala Finfinee Kutaa Magaalaa Carqoos/Qirqoos Daandii Jooseef Tiitoo Gamoo Odaa Darbii 7ffaa ykn Dameewwaan Baankii Siinqeetti guyyoota sadii (3) dura dhiyaachuun guutuun ykn sanada bakka bu’iinsa qaama Mootummaa bakka bu’iinsa kennuu fi mirkaneessuuf aangoo qabuun mirkanaa’e qabatanii akka dhiyyaatan jechaa, bu’uura Qajeelfama Baankii Biyyoolessa Itoophiyaa SBB/91/2024 keewwata 20.3 tiin Miseensonni Boordii Baankichaa fi Hojjataan Baankichaa Kamiyyuu Hojii Raawwachisaa Baankichaa/Pirezidantii fi Itti Aantonni Hojii Raawwachiftotaa/Pirezidaantotaa dabalatee bakka bu’iinsa fudhachuu kan hin dandeenye ta’uu ibsaa,
  • Hirmaatan Yaa’ichaa kamiyyuu Waraqaa eenyumaa jiraataa Gandaa, Paaspoortii, Eeyyama Konkolaachisummaa fi Waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Biyyoolessaa haaromfamee fi seeraa qabeessa ta’e Oriijinaala/Waraabbii Muummee koppii tokko (1) waliin qabatanii dhufuun isinirraa eegama.

 

Boordii Daayireektarootaa

Baankii Siinqee W.A

Share

Name

Job Title

Related Posts

  • Baankiin Siinqee Konfiraansii  Qonnaan Bultoota  Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gara Invastimantitti Cehan irratti hirmaate.

    Baankiin Siinqee Konfiraansii  Qonnaan Bultoota  Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gara Invastimantitti Cehan irratti hirmaate. Baankiin Siinqee lammiilee [...]

  • Siinqee Investment Bank Secures Investment Banking License from ECMA

    Siinqee Investment Bank Secures License from ECMASiinqee Investment Bank has officially been granted an Investment Banking [...]

  • Siinqee Bank S.C Board of Directors Nomination and Election Procedure “የሲንቄ ባንክ አ.ማ. ዳይሬክተሮች ቦርድ አባላት [...]