Baankiin Siinqee Konfiraansii  Qonnaan Bultoota  Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gara Invastimantitti Cehan irratti hirmaate.

Baankiin Siinqee lammiilee damee qonnaa irratti hirmaataniif   deeggarsa faayinaansii taasisuun gahee guddaa taphachaa  kan jiru yoo ta’u, Baankichii dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa  gara garaa waliin ta’uun waltajjii marii invastimantii fi cehumsa qonnaa irratti xiyyeeffatan irratti hirmaachuu fi  muuxannoo yeroo dheeraa irratti hundaa’uun yaada imaammataa ni qooda.

Bu’uura kanaan guyyaa har’aa Bitootessa 22 bara 2018 K oonfiraansii Magaalaa Finfinnee galma Yaadannoo Injifannoo Adawaatti  Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin  mata duree  “Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti konfiraansii Qonnaan bultoota gara Invastimantitti cehan.” jedhu  irratti adda durummaan hirmaachuun marii gaggeessaa jira.

Koonfaransiin kun lammilee hojii qonnaa irratti hirmaatan deeggarsa faayinaansii taasisuun gara invastimantiitti akka cehan jajjabeessuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, Baankiin Siinqee immoo akkuma barameetti deeggarsa faayinaansii isaa itti fufuun, qonnaan bultootaa fi dargaggoota damee kana keessatti hirmaataniif tajaajila faayinaansii gahaa dhiyeessuun qonna ammayyaa akka babal’atu gochuu keessatti gahee isaa bahuuf kutannoo isaa mirkaneesseera.

ሲንቄ   ባንክ  በሸገር ከተማ አስተዳደር ከግብርና  ወደ ኢንቨስትመንት የተሻገሩ አርሶ አደሮች ኮንፍረንስ  ተሳተፈ።

ሲንቄ ባንክ በግብርናው ዘርፍ ውስጥ የሚሳተፉ ዜጎችን በፋይናንስ በመደገፍ ጉልህ ሚናውን እየተጫወተ ያለ ባንክ ከመሆኑ ጋር ተያይዞ፣ ከተለያዩ የመንግስት አስተዳደር ተቋማት አስተባባሪነት ኢንቨስትምንትን እና የግብርና ሽግግርን የተመለከቱ የውይይት መደረኮች ላይ ግንባር ቀደም ተሳትፎ በማድረግ የረዥም ጊዜ ልምድ ላይ የተመሰረተ የፖሊሲ ሃሳቦችን ያካፍላል፡፡

ይህንኑ መሰረት በማድረግ ዛሬ መጋቢት 22 ቀን 2018 ዓ.ም በፊንፊኔ  ከተማ በአድዋ የድል መታሰቢያ አዳራሽ በሸገር ከተማ አስተዳደር “በሸገር ከተማ ከግብርና  ወደ ኢንቨስትመንት የተሻገሩ ” በሚል ርዕስ የተዘጋጀው ኮንፍራንስ  ላይ ውይይት እያካሄደ ይገኛል፡፡

ኮንፍራንሱ በግብርና ስራ ላይ የተሳተፉትን  በፋይናንስ በመደገፍ  ወደ ኢንቨስትመንት እንዲሸጋገሩ ማበረታታት ላይ ያተኮረ ሲሆን፣ ሲንቄ ባንክም  የተለመደውን ፋይናንስ ድጋፍ  በመቀጠል በዘርፉ ለተሰማሩት ገበሬዎች እና ወጣቶች በቂ የፋይናንስ አገልግሎት በማቅረብ ዘመናዊ እርሻን  እንዲስፋፋ የማድረግ ሚናውን  የመወጣት  ቁርጠኝነቱን አረጋግጧል።

#Siinqee_Bank    #Baankii_Siinqee    #ሲንቄ_ባንክ  #Siinqee_Digital #Siinqee_Ihsan
#EMPOWERED_TOGETHER

 

 

Share

Name

Job Title

Related Posts

  • Baankiin Siinqee Konfiraansii  Qonnaan Bultoota  Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gara Invastimantitti Cehan irratti hirmaate.

    Baankiin Siinqee Konfiraansii  Qonnaan Bultoota  Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gara Invastimantitti Cehan irratti hirmaate. Baankiin Siinqee lammiilee [...]

  • Siinqee Investment Bank Secures Investment Banking License from ECMA

    Siinqee Investment Bank Secures License from ECMASiinqee Investment Bank has officially been granted an Investment Banking [...]

  • Siinqee Bank S.C Board of Directors Nomination and Election Procedure “የሲንቄ ባንክ አ.ማ. ዳይሬክተሮች ቦርድ አባላት [...]